Oromiyaa Gandeen Baadiyyaa Rakkoo Nageenyaa Qaban Keessatti Barattoonni Waggoota Sadi’iif Barnoota Addaan-kutuu Dubbatu, Maatiin

Your browser doesn’t support HTML5

Naannoo Oromiyaa godinaalee rakkoon nageenyaa jiru keessatti barattoonni gandoota baadiyyaa erga barnoota addaan kutanii waggaa 3 ol ta'eera jechuun maatii barattootaa keessaa hagi tokko Sagalee Ameerikaatti himanii jiru.Qormaata kutaa 8ffaa akka Naannoo Oromiyaatti kennamuuf jirus kan fudhatan warra magaalaa fi magaalaa aanaatti barachaa turan qofa, jechuun ibsan.

Hoogganaa itti-aanaan Biiroo Barnoota Oromiyaa Doktor Bultoosaa Hirkoo gama isaaniin naannicha keessatti baratoota kuma 400 ol tu qormaaticha fudhachuuf jiru, jechuun ibsanii, haala barattoota bakkawwan rakkoo nageenyaa qabanii ammoo ibsuu irraa of qusatan.