Yaa’iin Walta’insa Biyyoota Afrikaa Bahaa maqaa IGAD jedhuun beekamu xumura walga’ii isaa Jabuutiitti geggeesse irratti Pirezidaantii Jibuutii Ismaa’eel Omaar Geelleh dura taa’aa dhaabbatichaa taasisuun filachuu isaa fuula tiwiterii isaarratti barreeffama baaseen beeksisee jira. Sudaan kan kanaan dura teessummaan gaggeessite yaa’ii miilanaa irratti baallii Jibuutiif kennitee jirti.
Gama biraatiin IGAD yaa’ii isaa kana irratti Doktor Warqinee Gabayyoo yeroo lammaffaaf barreessaa ol aanaa isaa taasisee irra deebbiin filateera. Doktor Warqinee Gabayyoos fuula miidiyaa hawwasaa isaanii Tiwuuterii irratti akka ergaa barreessaniin “yaa’iin ammaa kun amantaa anarratti qabaatee na filachuu isaan gammachuun koo guddaadha” jedhaniiru.