Doonald Tiraamp Galmee Iccitii Mootummaa Of Harkatti Qabachuun Himannaa Irratti Dhiyaateef Balleessaa Hin Qabu Jedhan

  • VOA

Prezidaantiin Yunaayitid Isteetis duraanii Doonaald Tiraamp, Niiw Jersii, Waxabajjii 13, 2023.

Prezidaantiin Yunaayitid Isteetis duraanii Doonaald Tiraamp Kibxata keeleessaa mana murtii kutaa Filooridaatti argamutti dhiyaatanii himannaa irratti dhyaateef balleessaa hin qabu jechuun falman. Dorgomaan prezidaantummaa ka paartii Ripaablikaanotaaf adda durumaa dhaan dhiyaatan kun himannaa yakkaa federaalaa 37n himataman. Kanneen kunis seeraan ala galmeelee icitii mootummaa of harkatti qabachuu fi murtii haqaa jal’isuu dha. Prezidaantii Ameerikaa duraanii himannaan federaalaa irratti dhiyaate kan jalqabaa ti.

Booda irras bakka taphaa kollee Bedminister, Niw Jersii irraa haasaa dhageessisaniin, Har'a seenaa biyya keenyaa keessatti aangootti fayyadamuu baay'ee hamaa fi fokkisaa ta'e argineerra. Kan hubatamuu qabuu fi nama gaddisiisu, pirezidaantiin malaammaltummaan dhuunfatamee jiru tokko mormituu siyaasaa isaa olaanaa irratti himannaa kijibaa dhiyeesse jedhan.

Deggertoonni isaanii dhibbaan laka’aman mana murtii Maayaamii bakka Tiraamp irratti himannaan yakkaa fedeeraalaa 37 irratti dhiyaatetti argamanii jiran. Himannaalee sana keessaa galmeelee icitii 100 ol kaan isaanii kan karoora meeshaa nukleraa fi ittisaa of keessaa qaban of harkatti qabachuu dha.

FBIn baatii Hagayaa keessa mana jireenyaa isaanii kutaa Filooriidaa Mar-a-Laagoo jiru keessaa argate. Gorsaan addaa Ministeera Haqaa Jaak Ismiiz qorannoo federaalaa kana akka hooggananiif muudaman.Biyyi keenya olaantummaa seeraaf cichi inni qabu addunyaaf fakkeenya ta'a. Biyya kana keessatti seera tokko qabna, innis nama hunda irratti hojii irra oola” jedhan.

Smith yakka ilaalcha saffisaa ta’en barbaadaa akka jiran dubbatan, garuu jalqabuuf ji'oota fudhachuu mala. Tiraamp bara 2024 irra deebiin pirezidaantii ta’uuf kan dorgoman yoo ta’u, adda durummaan dorgomaa paartii Rippabilikaanotaa ti. Ummanni Tiraamp himatamuu qabuu fi dhiisuu isaanii irratti addaan qoodamee jira.