Namoonni Dhimma Nyaata Gargaarsaa Maqqsuutiin Walqabatee Shakkaman 186 Beekamuun Ibsame

  • VOA

Ethiopia UN Food Aid

Nyaataa gargaarsaa dhaabbilee adduunyaa irraa Itiyoophiyadhaaf kennamuu irratti yakka raawwataniiru namoottan jedhaman 186 addaan bahanii beekamuun isaan gabaasameera.

Miseensotaa qaama mootummaa Itiyoophiyaa fi hojjatootaa dhaabbilee gargaarsa namoomaa dabalatee namoottan gargaarsa nyaataa gara biraatti maqisuudhaan walqabateen shakkamtoonni 186 beekamuu isaanii dhimmichaa qorachuudhaaf komoshiiniin Tigraay keessatti dhaabbate kamisa kaleessaa beeksisuu isaa gabaasinni madda Oduu Ajaans Firaans Prees/ AFP ibsee jira.

Komishiini mootummaa yeroo kan naannoo Tigrayiin hundeeffame kan hogganan Fisehaa Kidaanuu akka ibsanitti , baleessaa nyaata gargaarsaa kana irratti raawwatameef qaamooleen Shan, mootummaan Eertiraa, mootummaan Itiyoophiyaa, hanga’onni mootummaa naannoo Tigraay, qindeesitoonni mooraa namoottan qe’ee isaanii irraa buqa’anii fi hojjatoonni gargaarsa namoomaa harka keessaa qabu.

Jalqaba ji’a Caamsaa dhaabbileen gargaarsa adduunyaa lama dhaabbanni Sagantaa nyaata adduunyaa/ WFP fi dhaabbanni misooma Adduunyaa kan Yunaayitid Isteets/USAID sababa midhaan gargaarsaa kaayyoo isaatiin allatti olaa jiruuf jecha, gargaarsaa nyaataa Itiyoophiyadhaaf taasisanu yeroodhaaf akka addaan kutan beeksisuun isaan ni beekama.