Prezidaantiin Afrikaa Kibbaa Fi Hogganoonni Afrikaa Biroo Yukireen Daawwatan

  • VOA

African leaders head to Ukraine on peace mission

Prezidaantiin Afrikaa kibbaa Siiriil Raamaafoozaa fi hoggantoonii biyyootan Afrikaa biroo, walwaraansii Raashaa fi Yuukreen gidduutti taasifamaa jiru akkaataa dhaabachuu danda’u irratti maryachuudhaaf jimaata har’aa magaalaa gudichaa Yuukreen Kiiyeviin seenaniru.

Dursanii kan Yukireeniin seenan Prezidaantiin Afrikaa kibbaa Siiriil Raamaafoozaa yemmuu buufataa baaburaa Neemiisha’ev jedhamu fi magaala Kiiyive keessatti aragamu gahan, walakeessaa bahaa fi Afrikaatti jilla addaa mootummaa yuukreen kan Maaksiim Subhak fi Yukreenitti Ambaasaadara Afrikaa kibbaa kan ta’an Andiree Gro’enewald akka simatan gabaasameera.

Raamafoozaan yemmuuu Kiveen gahan Bakka Buchaa jedhamuu fi bakka miseensonni waraanaa Raashaa dhumiinsaa irrati raawwataniiru jedhamee daawwachuun isaanii ibsameera.

Prezidaantiin Afrikaa kibbaa kan naannoo sanatti argaman yaalii hoggantoonni biyyoottan Afrikaa waldahabdee Raashaa fi Ukreen gidduu jiru karaa nagatiin hikuudhaaf jalqaban hogganuudhaan akka ta’e bekameeraa.

Mootummaan Afrikaan kibbaa walwaraansichaa irratti gara kamiinuu bira dhaabachuu dhiisuu isaatiin kan ka’e, qorannoo cimaa kessa seenee akka jiru kan ibse gabaasni kun, gargaarsii meeshaan waraanaa biyyaatii irraa Raashaadhaaf taasifameeraa jechuudhaa odeeffannoon tansa’e immoo dhimmichaa caalaa jabeesuu isaa eeree jira. odeeffannoo meshaa waraanaa Raashaadhaaf kennuu Afrikaan kibbaa aalte jirti.

Walgahii biyyoottan Shanii Hagayyaa dhufu Magaala Johaansiberg keessatti taasifamuuf karoorfame irratti , mana murtii yakka aduunyaa irrati yakkaan kan barbaadamanu Prezidaantiin Raashaa Vilaadimiir Putiin Akka hirmaatan afeeraamuun isaanii immoo waltii dhufeenya biyyatiin biyyoottan lixaa fi Yuukreenii wajjin qabduu, akka gaafii keessa galche gabaasameeraa.

Hoggaantoonni biyyootan Afrikaa jaha jimaata har’aa prezidaanti Yuukreen Volodimiir Zeleniskii wajjin ergaa maryatanii boodaa Sambataa borii magaalaa Seent Piiters berg keessatti Prezidaantii Raashaa Vilaadimiir putiin wajjin akka wal arguuf deeman beekameera.

Haalumaa walqabateen imala hogantootaa Afrikaa kana irratti yaada kan keennaan barreessaan muummee dhaabata mootummoota gamtoomanii,Antooniyoo Guuterees , dhimmaa midhaan nyaataa fi Xaa’oo karaa garba guraachaa gara biyyoottan birootti fe’uu irraatti hoggantoonii biyoottan Afrikaa, prezidaantii Raashaa Viladimiir Putiin wajjin waliigaltee gaarii irraa gahu jedhanii akka abdatan ibsuun isaanii gabaasameera.