Seeraan Ala Nama Deddebisuu Mootummaan Dhaabsisuu Qaba, Jedhu Roogeeyyii Liibiiyaa

  • VOA

Seenaa galaana Meditiraaniyaanii dhiheenya kanaa keessatti dooniin balaa hamaa ta’een erga caccabee booda, roogeeyyiin Liibiyaa, aanga’oonni biyyattii seeraan alaa namootaa deddeebisuu kana ittisuuf furmaata gargaaruu akka barbaadan gaafataniiru. Ammas maaltu dooniin kun akka caccabutti sababa ta’e ilaalchisee, deebii caalaa gaaffiin baay’eedha.Garuu falmitoonni mirga namoomaa Liibiyaa Tobruk keessa jiran godaantota achi jiran bakka bu’uun iyyannoo dhiyeessaa jiru.

Liqimfamuun Donii lubbuu namaa galaafate kan booda miseensa Waldaa Gargaarsa Godaantota Abreen hedhamu kan ta’an Mustafaa al-Jahaani, aanga’oonni Liibiyaa caasaa ittiin seeraan ala nama deeddeebisan akka dhabamsiisan gaafataniiru.

Roobii darbe Giriik gama kibbaa irraa fagaatee lubbuu dooniin lubbuu namootaa galaafate kun , bidiruun guddaan godaantota fe’ee ture kan gargaarsaaf gaaffii dhihaate erga didde fakkaata.

Kunis yeroo dhiyootti kanneen seeraan ala namoota deeddeebisan, namoota abdii kutatanii Doniitti guutaman kanneen ardii Awurooppaa ga’uuf lubbuu isaanii balaaf saaxiluu barbaadan kan guutamee dha.

Waxabajjii 9, dooniin qurxummii qabuu fi sibiilaa dulloomaa irraa hojjatame, Liibiyaa bahaa irraa ka’uun gara Xaaliyaanii deemuun namoota baay'ee fe'ee ture.

Dhiironni, dubartoonniifi daa’imman hanga 750 ta’an Siiriyaa, Masrii, naannoo Falasxiin fi Paakistaan irraa dhufan doonii kana keessa turan. Abdii kutannaa biyyoota isaanii keessatti baqatanii firoota Awurooppaa jiran bira ga’uuf yaalaa turan.

Guyyaa shan booda dooniin kun qarqara galaanaa Giriik kutaa Galaana Meditiraaniyaanii isa gadi fagoo taʼe tokko lixee nyaatamte. Namoonni 104 qofti, hundi isaanii dhiirota, kan lubbuun hafan yoo ta'u, reeffi namoota 78 reeffii isaanii argamee jira.