Poolisiin Duraanii Kan Fixiinsa Ruwaandaa Keessaa Harka Qaba Jedhame Afriikaa Kibbaatti Dahata Siyaasaa Gaafate

  • VOA

Fulejeens KaayisheemaaFulgence Kayishema ennaa mana murtii Keep taawonitti dhiyaate

Kan fixiinsa sanyii Ruwaandaa irratti hirmaachuun himatame angawaan poolisii duraanii Fulejeens Kaayisheemaa Afriikaa kibbaa keessatti dahata siyaasaa gaafachuuf jira.

Akka angawoonni himatan jedhanitti Kaayisheemaan iyyata mirga wabii isaallee itti dhiise. Kayishema ji'a darbe maqaa sobaatiin qonna wayinii magaalaa Keep Taawun ala jirutti to'annoo jala oole.

Bara 2001, yeroo Manni Murtii Yakkaa sadarkaa addunyaa ka Ruwaandaa duguuggaa sanyiin isa himate irraa eegalee baqachaa ture.

Maanguddoon waggaa 62 kun Yeroo bara 1994 fixiinsa warra Tuutsii kuma 800tti tilmaamaman fi warreen Hutuu yaada madaalawaa qaban irratti raawwatame, namoota 2,000 bataskaana tokkotti baqatan akka ajjeefaman ajajuun himatame.

Yeroo duguuggaa sanyii raawwatame hookkara keessatti hirmaannaa akka hin qabne haale garuu ajjeechaa raawwatameef ''dhiifama'' jedheera.

Kaayisheema yeroo ammaa Afrikaa Kibbaatti himannaan 54 kan isa eeggatu yoo ta'u, baay'inaan immigreeshiniin kan walqabatu dha. Abbaan Taayitaa Abbaa Alangaa Biyyoolessaa Afrikaa Kibbaa sababa kamiin koolu galtummaa akka inni gaafate hin ibsine.

Kaayishemaan, Ruwaandaattis dabarfamee kennamuu danda'a jedhamee eegamu yoo ta’u yeroo ammaa to’annaa jala jira.Dhimmi kun qorannoon dabalataa hanga gaggeeffamutti hanga Hagayya 18tti yeroon isaa dheereffameera jedha gabaasi Rooyiters.