Faawundeeshiniin Diiboraa Fininnee fi Naannawa Isheetti Daa’imman Dhukkuba Daawon Sindromii Waliin Dhalatan Gargaaraa Jira  

Your browser doesn’t support HTML5

Faawundeeshinii Diiboraa kan Obbo Abbaa Duulaa Gammadaatiin sababa intala isaanii Daawuun Siindiroomii waliin dhalatteef hundeeffame, Finfinnee fi magaalaa Shaggaritti daa'immanii fi dargaggoota dhukkuba Daawon Siindiroomii qabaniif barnootaa fi leenjii dabalatee tajaajila adda addaa kennaa jira. Namoonni faawundeeshinichatti ijoollee isaanii barsiisaa jiran faawundeeshinichi boqonnaa akka isaaniif kenne dubbatu.

Tsahaay Daamxoo hundeessaa dhaabbatichaa, maatii fi hojjettoota faawuundeeshinichaa biroo dubbisuun gabaasa qopheessite jirti.