Hoogganoonni Biyyoota Addunyaa Faransaayitti Dhimma Jijjiirama Qilleensaa fi Iyyummaa Irratti Marii Eegalan  

  • VOA

FAAYILII- Abidda daggalaa naannoo Maame Diir, Montaanaa, Hagayya 11, 2021.

Hoggantoonni addunyaa, kan dhaabbilee sadarkaa addunyaa akkasumas roogeeyyiin walgahii guyyaa lamaa kan sirna ykn caasaa maallaqa addunyaa irra deebi’anii sirreessuun, dhimmoota hiyyummaa fi jijjiirama qilleensaa furuuf deebii fooyya’aa barbaaduu irratti qiyyaafateef Paarisitti walitti qabamanii jiru.

Walgahii kana kan qopheessan preezdaantiin Faransaay Imaanu’eel Maakroon akka jedhanti, qabsoon hiyyummaa, ho’ina qilleensa addunyaa to’achuuf tattaaffii taasifamaa jiruu fi heddummina lubbu qabeeyyii eegsisuun, hunduu walitti hidhamiinsa qaba jedhanii amanu.

Biyyoonni Afrikaa dhiibbaan maallaqaa kanaan dura hin argamne kan misoomarra osoo hin taane liqaa bulchuu irratti akka xiyyeeffatan isaan dirqisiisaa jiru isaan mudateera jechuun, MM Itiyoophiyaa Abiy Ahimad walgahii Kamisa har’a Paarisitti gaggeeffamee irratti dubbatan.

Baankota misoomaa hedduu irratti haaromsa gochuun, rakkoolee ardii kana mudate furuuf gahee olaanaa akka taphatan mirkaneessuuu akka qaban dhaamaniiru.

Mariin Paaris kun kan gaggeeffamus yeroo weerarri KOOVIID -19 jiru, waraanni Yukireen keessatti geggeeffamaa jiruu fi rakkoon liqaa addunyaa biyyoota addunyaa irra caalaan, umriin jireenyaa akka gadi bu’uu fi hiyyummaan akka dabalu taasiseetti ta’uu, Sagantaan Misoomaa kan Tokkummaa Mootummoota gabaaseera.

Sirna yeroon isaa itti darbe kan Ameerikaa, Awurooppaa, Chaayinaa fi kanneen dinagdeen gurguddoon biroo fayyadamantu, miidhaa faalama qilleensaa irra caalaan geesisantu biyyoota hiyyeeyyii ta’an balaa inni fideen akka miidhaman taasisee jechuun, Biyyoonni guddachaa jiran ibsu.

Rogeeyyiin gama isaanii, mariin kun waan eegamu fixaan baasuu dadhaba sodaa jedhu qabu.