Godinaa Shawaa Kibbaa Lixaatti Bulchaan Aanaa Sadeen Sooddoo Ajjeefaman

Your browser doesn’t support HTML5

Naannoo Oromiyaa, Godina Shawaa Kibba-Lixaatti bulchaan aanaa Sadeen Sooddoo Obbo Baqqalaa Qaachaa hidhattoota eenyummaan isaanii hin beekamneen ajjeesamuu isaanii Waajjirri Komunikeeshiniin Aanichaa beeksiseera. Bulchaan Godina Shawaa Kibba-Lixaa obbo Taayyee Guddisaa, ajjeechaan raawwatame isaan gaddisiisuu ibsuu isaanii waajirichi tti dabaluun beeksisee jira.

Dhimma kanarratti anga’oota aanaa, godinaafi naannoo Oromiyaa irraa odeeffannoo dabalataa argachuuf tattaaffiin taasisne hin milkoofne. Gama biraan, Komishiniin Mirgoota Namummaa Itoophiyaa, odeeffannoo kana akka qabu ibsee, haala nageenyaa naannoo ajjeechaan itti raaw’atamee rakkisaa tahe irraa kan kahe haga ammaatti dhimmicha qulqulleessachuu akkan dandeenye dubbate.