Yaa’ii hooggantoonni biyyoota garaa garaa Paarisitti dhimmoota Faayinaansiirratti hirmaachaa turan wal hubannaan xumuramuu Isaa Chaansilarri Jarman Oolaf Shoolt sabaa himaaleef ibsan.
Hiyyummaa hir’isuu , Beelaa fi jijjiirama qilleensaa nam tolchee ta’e dubbii ijoo yaa’ii kanaa akka tures himaniiru Oolaaf Shoolt. Itti daba luunis Jarman dabalatee biyyoonni baay’een waadaa Uummata fuuladuratti dubbataa turan hojiitti hiikuu qabu jedhanii Jarman bara 2045 tti jijjiiramni qilleensaa akka sirrattu karoora qabaachuu ishees himaniiru.
Yaa’iin hooggantoota biyyoota garaagaraa kan Paaris alanaan baankiiwwaan Misoomaa, baankii misoomaa Adddunyaa dabalatee Kaappitaala dabalataa kuusuu kan jedhurratti waliigaluus himameera.