Manneen sirreessaa naannoo Oromiyaa keessatti hidhamtoonni rakkoo tajaajila fayyaa hammaataa keessa akka jiran Koomishiniin Mirgoota namoomaa Itiyoophiyaa ibsee jira.
Koomishinichi, qorannoo waggaa tokkoof manneen sirreessaa Oromiyaa irratti gaggeessaa turee gabaasaa kana baasuu isaa kaleessa kan ibse yoo tahu, gama biraatiin immoo gama qabiinsa galmee fi kabajaa mirgoota namoomaatiin fooyya’iinsi akka jiru qorannoo isaa kana keessatti eeree jira.