Bulchiinsa naannoo Oromiyaa keessatti namoota nagaa akkasumas qondaaltota naannoo isaanii keessaa butamuu fi ajjeechaan itti fufee jiru keessatti Paartileen mormituu deebii gaafatanii jiru.
Dura taa’aan Kongirasii Federaalistii Oromoo Piroofeesar Meeraa Gudinaa Wiixata har’a RSAf akka himanitti, rakkoon nageenyaa amma deemaa jiru marii siyaasaa hunda hammateen qofa furmaata argachuu danda’a.
Oromiyaa keessatti ajjeechaa fi butamuu namoota nagaa itti fufee jiru irrattis qorannoon walabaa akka gaggeeffamu gaafataniiru.
Izeemaan ibsa sambata waxabajjii 24, bara 2023 marii marsaa jalqabaa mootummaa federaalaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) gidduutti gaggeeffamee sana booda haalli nageenyaa naannoo Oromiyaa keessaa daran hammaateera jedha.
Dubbi himaan Izemaa Dr. Mulualem Tegegnwork WBOn shoofeeroota dabalatee namoota nagaa butaa akkasumas ajjeesa jechuun himate. Haa ta’u malee, Dubbi himaan WBO, dhiheenya kana himannaa walfakkaataa irratti dhiyaateef deebii kennaniin, gareen isaanii “ajjeechaa fi butamuu namoota nagaa keessatti hirmaatee hin beeku, gara fuula duraattis hin jiraatu” jechuun RSAtti himanii jiran.
Dr Mulualem mootummaan maaliif WBO to’achuu akka hin dandeenye ummataaf akka ibsuu akkasumas nagaa fi nageenya lammiilee biyyattii akka eegu gaafatan jechuun KENNEDY ABATE gabaasee jira.