Yunaayitid Isteetis Ganinsa Murna Waraanaa Raashiyaa Keessaa Akka Harka Hin Qabne Beeksiste, Jedhu Ministarri Dhimma-Alaa Raashiyaa

  • VOA

FAAYILII - Ministirri Haajaa Alaa Raashiyaa, Sergeey Laavroov

Yuunaayitid Isteetsi Fincila humoonni Waraanaa Wagnaar Raashiyaa keessatti kaasan keessaa harka akka hin qabne ministirri haajaa Alaa Raashiyaa Sergeey Laavroov sabaa himaaleef himan.

Ministirri Haajaa Alaa Raashiyaa Sergeey Laavroov Wiixata darbe ibsa kennaniin fincila gareen Waagnar taasisan keessaa Yuunaayitid Isteetsi harka akka hin qabne Raashiyaatti Ambaasaddarri Yuunaayitid Isteetsi bakka bu’aa Raashiyaa waliin dubbachuu himaniiru. Ambaasaddarri Yuunaayitid Isteetsi Leen Tireesii kun dhimma keessoo Raashiyaati jechuu isaaniis itti dabalanii ibsaniiru Ministirri haajaa alaa Raashiyaa.

Garuu jedhan ministirri hajaa alaa Raashiyaa Sergeey Laavroov humnoonni tikaa yuunaayitid Isteetsi fincilli akkanaa akka ka’uuf jiru odeeffannoo osoo qabanii Mooskoof hin gabaasne jedhanii tarii Fincillichi akka fiixaan ba’uuf abdii qabanirraatis jedhan.

Humnoonni Basaastootaa kan Yuukireenis ta’e kanneen biyyoota lixaa harka keessaa qabuu jedhamanii kan gaafatan ministirri hajaa alaa Raashiyaa Sergeey Laavroov , humnoonni nageenyaa Raashiyaa dhimma kana ilaalaa jiru jedhan.