Manni Murtii Olaanaa Yuunaayiitid Isteetsi Imaammata kanaan dura barataa Koolleejjii fi Yuunivarsiitiittii fudhachuuf biyyattii keessatti Sanyiin akka ulaagaatti gaafatama ture akka hafu murteesse. Imaammata Waggoota Kurnoota hedduuf hojiirra oolaa ture akka hafuuf abbootii murtii mana murtichaa sagalan keessaa ja’an isaanii akka hafu yommuu murteessa kanneen sadii hafan akka fufu yoo murteessan harka caaluun waan murtaa’eef kana booda ni hafa jedhameera.
Barattoota karaa wal qixa ta’een simachuurratti fi sanyummaa irratti hundaa’uun dhiibbaan nurratti taasifameera jechuun gareen barattootaa himannaa kan dhiyyeessan Yuunivarsiitii Harvaardii fi Yuunivarsiitii Noorzi Kaalorinaa Chaappel Hiil dha.
Pireezidaantiin Yuunaayitid Isteesi Joo Baayiden murtiin kun manneen barnootaa olaanoo keessatti walqixxummaa akka hafuu gochuu hin qabu jedhanii, manneen barnootaas cichaa carraa barattoota hundaaf kennuuf qabaachaa turan akka hin dhaabne, manneen barnootaa isaanii Ameerikaa akka fakkaatu gochuu akka itti fufan ergaa dabarsaniiru.
Murtoon akkanaa warra sababa Sanyii keenyaan carraa barachuu dhabneef waan gaarii fidee dhufa jechuun gamanumaan warri gammachuu irratti qaban ibsachaa jiru.
Imaammanni barattoota bakka irraa dhufaniifi Sanyii isaaniirratti hundaa’uun galmee Kolleejjii keessatti akka ulaagaatti fudhatamuu kan jalqabe bara 1960 taa irraa kaaseeti. Yeroo sanattis barattoonni sababa bakka irraa dhufaniin ykn sababa sanyii isaaniin caraa barnoota gaarii akka hin dhabneef akka taasifamedha. Murtoo amma darbee jirfuunimmoo barataan akamiyyuu qabxii qaburratti hundaa’uun dorgomuun Yuunivarsiitiifis ta’e Koolleejjiif akka galmaa’u kan taasisudha.
Kaateriinee Meeyer xinxaaltuu dhimmoota Imaammataa kan taate murtoon akkanaa gaafa darbu barattoota gurraachota ykn Afrikaarraa dhufan akkasumas kanneen Ispaanishootaa dhibbeentaa 10’n hir’isuuf jira jetti.
Hoogganaan Abbootii Murtii Joohan Roobrts immoo gama isaaniin qoodinsa sanyii irratti hundaa’e ni hambisna yommuu jennu waan hundumaarratti ta’u qaba jedhan.