Hojjettoonni Warshaa Sukkaaraa Fincaa'aa Mindaan Irraa Cituu Himatan

Your browser doesn’t support HTML5

Hojjettoonni Warshaa Sukkaaraa Fincaa'aa Mindaan Irraa Cituu Himatan

Hojjettoonni Warshaa Sukkaaraa Fincaa'aa Sagalee Ameerikaatti akka himanitti, ji'a lamaaf sababa mindaan isaaniif hin kaffalamiin jiruuf maatii isaan waliin rakkoof saaxilamuu himan. Naannoo Oromiyaa Godina Horroo Guduruu Wallaagaatti Caamsaa 20,bara 2023tti sababa Waraannii Bilisuummaa Oromoo Warshaa Sukkaaraa Fincaa'aa to'atee tureen warshichi hojii dhaabuu hojjettoonni himaniiru.

Komii hojjettoonni kaasan irratti hooggansa warshichaa irraa hanga qaamolee mootummaa dhimmi ilaallatuttii irra deeddeebiin bilbillee deebii argachuuf carraaqqiin taasisne har'aaf hin milkoofne. Komishiniin Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa odeeffannoo akka qabu ibsee warshichi gara hojii idileetti deebi’ee mindaan hojjettootaa hatattamaan akka kaffalamuf hubachisee jira.