Ogeessa: Rakkoo Bishaanii Finfinnee fi Magaalaalee Naannoo Ishee Furuuf Hatattamaan Proojektii Bocuu fi Hojiirra Oolchuutu Barbaachisa

Your browser doesn’t support HTML5

Harki caalaan adduunyaa kanaa bishaniin kan huwisame ta’us namoottan biliyoonatti lakkawaman garuu yeroo ammaa bishaan dheebochaa jiru. Rakkoon kun magaala Finfinnee dabalatee magaalota Itiyoophiyaa keessatti babalachaa adeemaa jira.

Kana ilaalchisee, qorataa fi ogeessaa dhimma bishaanii, Dokteer Fiqaaduu Morodaa wajjin marii taasifne qabna. Dr. Fiqaaduun yeroo ammaa as Yunaayited Isteets kutaa “Noorz Karolaayinaa” keessa jiraatu. Waa’ee bishaan dhugaatii ka magaalota Yunaayitid Isteetis, Laatiin Amerikaa, Afrikaa fi Eshiyaa, keessumaa ka magaala Yemen irratti qorannoo taasisanii jiru. Rakkoo bishaanii Finfinnee fi magaalee naannoo sanaaf sababaaleen maal akka tahanii fi akkaataa itti furuun danda’uma irratti ibsa oguma isaanii Sagalee Ameerikaaf kennanii jiran.