Sudaan Kibbaa Filannoo Prezidaantummaa Akka Geggeessitu Prezidaantiin Biyyattii Beeksisan  

  • VOA

FAAYILII - Pirezdaantii Sudaan Kibbaa, Saalvaa Kiir, Juubaa, Sudaan Kibbaa, Guraandhala 3, 2023.

Filannoon sudaan kibbaa lafa irraa harkifachaa turee akka karoorfametti akka lakkoofsa Awurooppaatti bara dhufuu akka taasifamuu presizaantiin biyyatti Saal Vaakiir ibsuun isaanii gabaasameera.

Ergaa biyyaatiin Walabummaa gonffattee bara 2011 kaasee prezidaanti biyyatti isa jalqabaa ta’uudhaan aangoo irra kan jiraan prezidaant Saal vaakiir filannoo kana irraatis akka kaadhimamaa ta’nii hirmaataan ibsameeraa.

Adduunyaa irratti umuriidhaan biyyaa dhihoo dhaltte kan taatee Sudaan kibbaa, baraa bulchiinsaa Saal vaakiir keessa mootummaa tokkoomee fi tasgabaa’ee qabachuu dhabuudhaan jeequmsaa irraa gara jeequmsaatti daddarbaa kan as geessee yemmuu ta’u, waldhabdeen sun immoo caalaan isaa garee prezidaanti biyyatti fi garee itti anaa prezidaantii Riik Maachaar gidduutti akka ture ni beekama.

Filaanoo ni taasifama jedhame kana irraatti namoottan Prezidaantummaadhaaf dorgoman biroo amma ammaatti iffaa akka hin taane kan ibsee gabaasiin kun prezidaantii itti anaa kan ta’an Riik maachaar akka dorgoman eree jira.

Voa/bd/dw