Humni Poolisii Oromiyaa Godinaalee Keessatti Sarbinsa Mirga Namoomaa Akka Raaw’ate Koomishiniin Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa Beeksise

Your browser doesn’t support HTML5

Koomishiniin Mirgoota namoomaa Itiyoophiyaa naannoo Oromiyaa godinaalee gara garaa keessatti humni poolisii naannoochaa ammaa sarbiinsa mirga namoomaa raawwataa akka jiru ibsee jira. Jiraattonni hidhaarra turanii fi kan hidhaa bahanis, keessumaa maqaa shakkamtoota haala yeroo jedhuun warri to’annoo jala oolfaman, haqa malee yeroo dheeraaf waajjiraalee poolisii fi bakkawwan adda addaatti akka hidhamaa jiran, sarbiinsi mirgoota namoomaallee akka irratti raawwatamaa jiru Sagalee Ameerikaatti dubbatanii jiran.

Obbo Badhaasaa Lammeessaa, Hoogganaan Waajjira koomishinii Mirgoota namoomaa Itiyoophiyaa damee Jimmaa, shakkamtoonni yeroo dheeraaf mana murtiif utuu hindhiyaatin akka turan, darbees namootni waajjiraalee poolisiin alattis akka hidhaman hordoffiin bira geenyeerra jedhanii jiran. Ka dhimma kana irratti gaafatame Waajjirri kilaastera nagaa fi haqaa Oromiyaa , gama isaatiin “warra shakkamee ji’ootaaf waajjira poolisii keessa tursiisaman ilaalchisee furmaata kennuu qaba” jedha jedhee jira.