Naannoo Oromiyaa bakkoota garaa garaatti namoonni qaamota hidhatanii socho’aniin butamuu, erga butamanii boodas maatiin maallaqa kaffalee gadhiisisu gaafatamuun akka deddeebi’ee mul’ataa jiru tahuu, kanneen miidhaan kun irra gahuu himatan Sagalee Ameerikaaf ibsanii jiran.
Dhimma kanarratti hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo himatan namoonni. WBOn garuu gochaa akkasii keessaa harka hin qabne dubbatee, “hidhattoota maqaa keenya balleessuuf bobba’an tu gochaa kana raaw’ata,” jedha. Mitikkuu Fiqaaduu namoota maallaqni nurraa fuudhameera jedhanii fi Gorsaa Ajaja Ol-aanaa Waraana Bilisummaa Oromoo dubbisuun waan qindeesse qaba.