Muummeen Ministiraa Abiyyi Ahmad, Kamisa Kaleessaa yaa’ii idilee Mana Maree Bakka-bu’oota Uummataa Itiyoophiyaarratti dhihaachuun gaaffiiwwan miseensota mana maree sanaa irraa dhiyyataniif deebii kennanii jiru. Gaaffiiwwan dhihaatan ijoon dhimmoota nageenyaafi diinagdee irratti kanneen xiyyeeffatan. Dhimmoota Miseensonni Mana marichaa kaasaa turanii fi deebbii Muummeen Ministira Itiyoophiyaa kennaa turan ilaalchisee Mitikkuu Fiqaaduu ka biyya Siwiizerlaand jiru, Yunivarsitii Zuurikitti, barsiisaa fi qorataa dhimma Siyaasaa fi diinagdee kan ta’an Dr. Assebee Raggaasaa dubbisee jira.
Gaaffiileen Paarlaamaa Itiyoophiyaarratti Dhihaatanii fi Deebiin Muummicha Ministaraa Biyyatti Akkamitti Hubataman?
Your browser doesn’t support HTML5