Fiigicha kiiloo meetira 15 bara 2023 Niiw Yoorkitti gaggeeffameen atileet Itoophiyaa Jamaal Yimer sa'aatii bakkichaa fooyyessuun injifate. Akkasuma atileettin Itoophiyaa Yealemzerf Yehualaw fiigicha kiiloo meetira 10 bara 2023 Afrikaa Kibbaa magaalaa Darbanitti gaggeeffameen daqiqaa 30:46 n xumuruun injifate.
Gama biraattin atileetiin lammii Itoophiyaa Sambaree Tafarii dorgommii fiigicha daandii Guyyaa Wallabumaa Ameerikkaa Adoleessa 4 kabajjame sababeeffachuun Piichtirii, Atlaantaattii fiigicha kiloomeetira 10 irratti dogoggora umameen badhaasa doolaaraa Ameerikaa kuma 7 dhabuun ishee ni yaadatama.
Taatee muddatee kanaraattii atileeti Sanbaree Tefarii fi Leenjjisaa dhunfaa ishee kan ta'ee Mesfin Dasaaleny dhimma kana irratti dubbisnee jirra.