Arsii Lixaatti Tumaan Gadaa Dhiheenya Labsame Hijiirra Oolfamaa Jira  

Your browser doesn’t support HTML5

Ji’a darbe Abbootiin Gadaa Sikkoo Mandoo Godina Arsii Lixaa Aanaa Nageellee tumaa seera Gadaa daa’imman keessummoota daawwiif gara aanichaa dhufan kadhaan rakkisan dhorkuu isaanii tumaniiru. Tumaa Gadaa Sikkoo Mandoo boodas kadhaan kun hir’achuu isaa jiraattonni fi abbootiin qabeenyaa bakkeewwan bashannaa naannoo laangannoo jiranii VOA’tti himanii jiran. Angawootni fi Abbootiin Gadaa ammallee raawwii tumaa kanaa itti dhiheenyaan hordofaa akka jiran dubbatu.