Mariin Nageenyaa Mootummaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo Gidduutti Jalqabamee Ture Akka Itti Fufu Miseensonni Caffee Oromiyaa Gaafatan  

Your browser doesn’t support HTML5

Tasgabii-dhabinsi Oromiyaa keessatti itti fufee jirutti furmaata barbaaduuf mariin nagaa mootummaa Itiyoophiyaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo gidduutti jalqabamee ture itti fufuu qaba, jechuun miseensonni Caffee Oromiyaa gaafatanii jiran. Oromiyaatti hoogganaan Biiroo Paartii Badhaadhinaa Obbo Fiqaaduu Tasammaa gama isaaniitiin, “dhabamuun nageenyaa waggoota shan lakkoobsise kun karaa nagaatiin furmaata akka argatuuf jecha, marii jalqabame itti fufuuf mootummaan murtataa dha, jechuun yaa’ii caffee geggeessamaa jiru irratti dubbatan.

Mootummaa Itiyoophiyaa bakka-bu’uudhaan marii marsaa duraa Taanzaaniyaa, Zaanzibaaritti Waraana Bilisummaa Oromoo waliin geggeessamee turetti kan hirmaatan – hoogganaan Biiroo Bulchiisaa fi Nageenyaa Oromiyaa Komiishinar Kaffiyaalew Tafarraa, “mariin sun hin dhaabanne. Itti fufa, jedhan. Kan dhimma kana irratti Sagalee Ameerikaaf yaada isaanii kennan, barsiisaan Saayinsii Siyaasaa, Obbo Solomoon Tafarraa, “mariin marsaa lammataa itti fufee, rakkoon kun yoo furmaata hin arganne, daafoon isaa hedduu dha,” jedhan.

Dubbi-himaan Waraana Bilisummaa Oromoo, Obbo Odaa Tarbiis, haal-duree dhaabbatni isaanii dhiheesse ilaalchisee, Sagalee Ameerikaaf deebii kennanii jira.