Mootummaan Sudaan Marii Nageenyaa Igad Finfinneetti Waamametti Akka Hin Hirmaanne Beeksise  

  • VOA

FAAYILII - Hogganaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Sudaan Jeneraal Abdel-Fattah Burhaan, Kaartum, Sudan, Muddee 5, 2022.

Mootumaan Sudaan marii nagaa fi wraana dhaabuu karaa IGAD Itiyoophiyaatti taa’ame irratti akka hin hirmaanne beeksiise. Akka sababaattis Keeniyaan garee waraanaa warra humna Addaa Sudaaniif qooddi jechuunidha.

Mootummaan Sudaan marii waraanaa dhaabuu fi nageenyaa akka naannootti Itiyoophiyaatti karaa IGAD taa’ame irratti hin hirmaadhu jedhe. Akka Sababaattis mootummaan Keeniyaa garee waraanaa Sudaan warra humna Addaa jedhamaniif looga jechuunidha.

Wal waraansi humnoota Waraanaa Sudaan gidduutti ji’a Eeblaa keessa jalqabe lubbuu namoota 3000 galafateera. Namoonni miiliyoona Sadii qe’ee isaaniirraa akka godanaaniifimmoo sababa ta’eera.