Bulchiinsa Naannoo Benishaangul Gumz Godiina Metekel Magaalaa Gilgel Beles keessaatti namoonni eenyummaan isaanii hin beekamne namoota nagaa irratti dhukaasa banuun yoo xiqqaate namoota 10 eega ajjeesanii booda, haleellaan dabalataa akka mudatu sodaachuun jiraattonni dhibbootaan lakkaa’aman naannoo sanaa baqachaa akka jiran namoonni ijaan argan Raadiyoo Sagalee Amerikaatti himanii jiru. Bulchaan Olaanaa godinaa Obbo Lammessaa Waqwayya garuu naannoon kun gara sochii idileetti deebi'uu ibsaniiru.Haleellaa kanaafis gareelee finxaaleeyyii ittiin jedhan komatan .
Gama biraatiin mootummaan federaalaa aangoo hatattamaa heera mootummaatiin kenname akka fayyadamu fi haleellaa naannoo sanatti itti fufee jiru akka xumura itti godhu Komishinni Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa gaafateera, jechuun Asteer Misgaanaaw Baahi Daar irraa gabaastee jirti.
am/jg/tg/dw