Masriin Waa’ee Wal Waraansa Sudaan Keessaa Dubbachuuf Walgahii Waamte

  • VOA

Laga Abbayaa -'Blue Nile' Masrtii keessa, Caamsaa 25, 2022.

Sudaan keessatti lolli jeneraalota waraanaa gidduutti gaggeeffamaa jiru har’as itti fufee jira, Rooyitars kutaalee magaalaa Kaartuum Omdurman fi Bahri keessatti dhukaasa meeshaa waraanaa dhaga’amuu isaa gabaaseera. Guyyoota darban keessas lolli waraanaa biyyattii fi gareewwan finciltoota humna guddaa qaban 'SPLM' gidduutti kutaa Kordofan Kibbaa, fi Naannoo Bluu Naayilii naannoo daangaa Itiyoophiyaa waliin jirutti gaggeeffamuun gabaafamee jira.

Waldhabdeen kun kan jalqabe walakkeessa baatii Eblaa keessa yeroo hogganaan waraanaa Abdel Fattah al-Burhan fi itti aanaan isaanii duraanii Mohamed Hamdan Daglo kan Humnoota Deeggarsa Saffisaa ajajan walitti ennaa garagalan ture.

Sudaanti, Itti gaafatamaan ergama Tokkummaa Mootummoota har’a akka jedhanitti, gareewwan biyyattii lamaan waldhaban “yakka” waldhabdee isaanii keessatti raawwatameef “ittigaafatamummaa” irra jira kana malees waldhabdeen kun gara rakkoo naannootti ce’uu danda’a.

Volker Perthes, dhaabbata oduu Faransaay AFP fi roduu gabaastoota biroo Biraaselsitti akka himanitti, lola ji'a sadii "gara waldhabdee sabaa, gosa fi ilaalchaan jijjiiramuu danda'a, kunis waraana guutuu biyyatti baay'ee dhihaata jedhan. Gama kaaniin, Masriin waldhabdee torban 12f Sudaan keessatti dhiiga dhangalaasisaa ture karaa nagaa xumuruuf mala baasuuf abdii qabduun walgahii biyyoota ollaa Sudaan bor keessummeessuuf jirti.

Ministeerri Odeeffannoo Eertiraa Yemane G/Meskel fuula twitter isaan irratti akka maxxansanti, Preezdaanti Isaayyaas Afwerkii fi jilli isaanii Yaa’ii Hooggantoota Biyyoota fi Mootummoota Biyyoota ollaa Sudaan kan boritti waamamu irratti hirmaachuuf Kaayiroo galanii jiru.

Gama kaaniin, Mootummaan Sudaan wiixata kaleessaa walga’ii biyya walitti bu’iinsaan miidhame kana furuuf gaggeeffamu irratti hirmaachuu dide, sababan, kennitees marii kana dura taa’aa taate kan gaggeesituu Keeniyaan humnoota nu mormaniif loogdii kan jedhu ture.

afp/jg/tg/dw