Xiinxala Beektotaa: Mootummaan Yunaayitid Isteetis Itiyoophiyaarraa Uggura Gargaarsaa Haga Tokko Kaasuun Murtii Sirrii fi Sirrii Miti?

Your browser doesn’t support HTML5

Mootummaan Yuunaayitid Isteetsi tibba darbe Ibsa baaseen gargaarsa mootummaa Itiyoophiyaarraa dhaabee ture hanga tokkorraa dhorkaa kaasuu isaa beeksisee ture.

Kaaba Itiyoophiyaatti Mootummaan Itiyoophiyaa Humnoota waraanaa Adda Bilisa baasaa Uummata Tigiraay waliin yommuu wal waraanaa turetti yakkoonni mirgota namoomaa kanneen akka fixinsa sanyii, yakkoota humnaan gudeeddii, gargaarsa akka meeshaa waraahaatti fayyadamuun namoota beelaaf saaxiluu faa, kanneen fakkaatan himannaalee dhihaataa turan irraa ka’uudhaan ture kan Yunaayitid Itiyoophiyaa uggura gargaarsaa keessee turte.

Qaamooleen wal waraanaa turan eega Piriitoriyaan waliigaltee nageenyaa mallatteessanii as haalli mirga namoomaa fooyya’uu akka sababaatti dhiheessitee dhorkaa sana haga tokko irraa kaa’uu dubbatte – Yunaayitid Isteetis. Dhimma kanarratti Mitikkuu Fiqaaduu Itiyoophiyaarraa ogeessota lama dubbisuun waan qindeesse qaba. Itti dhiyaadhaa.