Itiyoophiyaan Lammilee Eritiriyaa Gara Biyya Ofiitti Fedha Isaaniin Deebisaa Jirtu Akka Dhaabdu Gaafatame 

  • VOA

Faayilii- Waajjira Tokkummaa Mootummootaa Jenevaa Jiru

Dhaabbata Mootumaaoota gamtoomaniitti gareen qorattootaa fi Ogeeyyii tokko Itiyoophiyaan lammiilee Eriitiriyaa kanneen baqattoota ta’anii fi kooluugaltumaa gaafatan biyyaa arii’uu fi fedhii isaanii malee gara Eriitiriyaatti deebisuu akka dhaabdu gaafate.

Dhaabbata Mootummoota gamtoomaniitti gareen dhimma mirgaa gabaasa baaseen dhuma ji’a waxabajjiittii Lammiileen Eritiriyaa dhibbootaan lakkaa’aman mootummaa Itiyoophiyaan hidhamuu , akkasumas gara Eriitiyaatti akka deebifaman taasisameera kunnimmoo seera Idil- Addunyaallee kan dhiibe jedha.

Itti dabaluunis baqattootaa fi namoota kooluu galtummaa barbaadan kanneen balaa isaan irratti dhufuu malu madaallii keessa osoo hin galchiin biyya isaaniitti fedhii isaanii malee deebisuu,fi dararaa irratti raawwachuun Seera Idil addunyaa isa namni kamiyyuu gara biyya miidhaa ykn adabbiin isa eeggatuutti deebifamee hin arii’amu jedhu kan cabsedhas jedha gabaasichi.

Komishiniin mirga namoomaa Itiyoophiyaa gama isaan gaafa Waxabajjii 24 ibsa baaseen laamiileen Eriitiriyaa 200 ta’an kanneen baqattoota ta’anii fi kooluu galtummaa barbaadan gara Eriitiriyaatti deebifamuu gabaasee ture. Maddi oduu Royiitersi maddeen amanamoorraa odeeffannoon argadhe jedheen lammiileen Eriitiriyaa gara Eriitiriyaatti akka deebifaman taasifaman kanneen Kooluu galtummaa gaafataa jiran ykn kanneen galmee eeggataa jiran qofaa osoo hin taane kanneen baqattummaan dhaabbata mootummoota Gamtoomaniitti galmaa’anii jiran ta’uu ifoomseera.

Dhimma kanarratti dubbii himaa mootummaa Itiyoophiyaa Doktor Leggesee Tulluu irraa fi hoogganaa dhimma baqattootaa fi kanneen baqarraa deebi’aanii obbbo Tesfaahuun Gobozeerraa deebii argachuuf yaaliin taasise naaf hin milkoofne jedha maddi Oduu Royiitersi.