Waldaan Orotodoksii Itiyoophiyaa Muudama Paaphaasota Tigraay Seeraan Alaa Jedhe Gidduu Mootummaan Akka Seenu Gaafate 

  • VOA

Faayilii - Bulchiisa waldaa Ortodoksii Tewahdoo Itoophiyaa

Manni qulqullummaa Sinoodosii Ortodoksii Itiyoophiyaa Naannoo Tigiraayitti manni amantaa Ortoodoksii muudama Iphiisqoophoosootaa seeraan alaa raawwachuuf jiru dhaabuun akka waliin dubbataniif Muummee ministiraa Abiyyi Ahimadii fi Pireezidaantii Bulchiinsa yeroo kan naannoo Tigiraay Obbo Geetaachoo Raaddaaf waamicha dhiyyeesseera. Manni qulqulluu Sinoodosii Ortodoksii Itiyoophiyaa wal ga’ii ariifachiisaa Kamisa kana waame irratti waamicha kana kan dhiyeesse. Waamicha isaa kanaanis hooggantoonni kunneen walitti nu fiduun rakko nu gidduu jiru karaa nagaa furanna jedhaniiru. Manni lubummaa Ortoodoksii Tigiraay qulqulluu Sinoodoosii Itiyoophiyaarraa adda ba’uun ifatti Sinoodosii mataa isaa hundeeffadhe jedhee labsuun isaa ni yaadatama.

Qulqulluun Sinoodoosii Ortodoksii Itiyoophiyaa gaafa Adoolessa Ja’a darbe Abootii mana Amantii Ortodoksii naannoo Tigiraay dhiifa gaafate tures, Abbootiin garuu dhiifamicha hin fudhannu yeroon isaa irra darbeera jedhanii ture. Dabalataanis qulqulluun Sinoodoosii Ortoksii Itiyoophiyaa Jila Paatiriyaarkii Abuuna Maatiyaasiin durfamu gara naanoo Tigiraayitti imalee Abboota naannicha jiran waliin wal arguuf karoorfatus osoo walis hin argiin , waliinis hin dubbatiin hafaniiru.