Waltibu'insa Naanno Amaaraa Keessatti Taasifameen Namoonni Du'anii Kan Mada'aniiru  

  • VOA

Naannoo Amaaraa

Waltibu’isa naannoo Amaaraa keessatti taasifamaa jiruun namoonii Afur du’anii 10 immoo madaa’un isaanii gabaasameera.

Dhiheenyaa kana naannoo bulchinsaa Amaaraa keessatti walti bu’insii itti fufee jiiruu babalachaa deemuudhaan Roobii deengaddaa Adoolesa 12 bara 2023 godina walloo kaabaa magalaa Qobboo keessaati walti bu’iinsaa umnoottan nageenyaa mootummaa fi hidhattootaa idilee hin taanee giduutii raawwatameen namoonni Afur du’anii 10 immoo madaa’u isaanii jiraattonii ibsaniiru.

Maddaawan Hospitaalaa akka VOA ti himanitti waltibu’insa Kanaan miseensonii umna ittisa biyyaas madaa’anii jiru.

Jiraattonni naannichaa tooko tokko lubuun Siviilotaa kan darbuu danda’ee sababa umnottan mootummaa aangoo cimaa fayyadamuutin kan ka’e akka ta’e himuu isaanii kan ibsee gabaasni Masfin Arraagee dhimmaa kana irratti deebii mootummaa argachuudhaaf yaalii gochaa akka jiru beeksiseera.