Weellisaa fi barreessaan walaloo sirbaa Ibraahim Adam kaleessa galgala lubbuun isaa boqotee jira. Toofiq Ibraahim, ilmi weellisaa Ibraahim, keessumaa ganna lamaa as dhibee itti hammaachuu himee kaleessa yaala fayyaaf hospitaala utuu jiruu lubbuun darbuu VOA’f ibseera. Gaazexeessaa Muyaahiddin Abdullaahii, Ibraahim Adam Albamoota sirbaa sadii akka qabu himee, dablatas Artiist Alii birraaf walaloo fi yeedaloo barreessee akka kennellee dubbatee jira. Gaazexeessaa Muyaahiddin, Ibraahim Adam yeroo ganna shaniif dhukkubsataa ture keessatti gargaarsa dhabuun isaa egeree Artiistota oromoof ammas xiyyeeffannoon akka hin jirre himaa jedhee jiraa.