Wal-dhibdeen Caaseffamaa Haaraadhan Walqabatee Godina Gujiitti Ka'e Ammallee Furmaata Hin Arganne: Jiraattota

Your browser doesn’t support HTML5

Wal-dhibdeen Caaseffamaa Haaraadhan Walqabatee Godina Gujiitti Ka'e Ammallee Furmaata Hin Arganne: Jiraattota

Naannoo Oromiyaatti, Godinaaleen akka haaraatti caaseffamuu isaanii waliin wal qabatee wal dhabdeen jiru ammallee furmaata hin arganne jechuun jiraattotni Godina Gujii tokko tokko Sagalee Ameerikaatti himan.

Keessumaa, Aanaan Gooroo Doolaa gara Godina Booranaa Bahaatti daangeffamuun isaa jiraattota dheekkamsiisuun, hiriira mormii bahuusaanii itti dabaluun dubbatanii jiru.

Bulchaan Aanaa Gooroo Doolaa, Obbo Geetuu Culluqqee, "Mormii jidduu kana taasisameen qabeenyi manca'eera, tajaajilli geejjibaallee adda citeera" jechuun Sagalee Ameerikaatti himanii jiru.

Pireezidaantiin Naannoo Oromiyaa, Obbo Shimallis Abdiisaa tibbana gaaffii miseensotni Caffee Oromiyaa dhimma kana ilaalchisuun gaafataniif yoo deebii kennan, "Caaseffamni duubatti deebi'u hin jiru" jechuun ibsanii jiru.