Balaa Lolaa Buufata Buqqaatotaa Shireetti Umameen Lubbuun Namoota Darbe, Jedhu Jiraattonni   

  • VOA

FAAYILII - Namoota qarqaarsa nyaataa dhihaate fudhachuun hiriiran, Shiree, Naannoo Tigraay Bitootessa 15, 2021.

Rooba cimaa naannoo Tigiraay magaalaa Shireetti roobeen balaa lolaa uumameen buufata buqqatootaa magaalitti keessa jirurratti lubbuu namaa fi qabeenyaarratti miidhaa dhaqqabsiiseera. Namoonni ijaan argine jedhan Sagalee Ameerikaatti akka himanitti yoo xiqqaate namoonni lama balaa lolaa kanaan du’aniiru jedhanii gargaarsi namoota kanaaf mootummaarraa taasifamuu dhabuus himaniiru.

Kana malees namoonni sababaa wal waraansa kaaba Itiyoophiyaa keessa tureen qe’ee isaaniirraa buqqa’aniiran kunneen gara qe’ee isaaniitti mootummaan akka isaan deebisus gaafataniiru. Pireezidaantiin Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigiraay Obbo Getaachoo Raddaa bulchiinsi naannichaa gabaa naannoorraa nyaata bitee namoota rakkatan kanaaf akka dhiyyeessu himaniiru. Obbo Geetachoon kana kan dubbatan sagantaa waldaan misoomaa fi gargaarsa naannoo Tigiraay namoota Sababaa waraanaan qe’ee isaaniirraa buqqa’anii naannicha jiraniif birrii Miiliyoona 100 yeroo kennettidha jedha gabaasni Muluugeetaa Atsibahaa Maqaleerraa erge.

ma/mf/dw