Namoonni Biyoota Alaa Lammiilee Keeniyaa Waliin Gaa'ela Dhaabbatan Lammummaa Biyyattii Argachuu Dhabuun Akka Isaan Rakkise Himatan 

  • VOA

Your browser doesn’t support HTML5

Gurmuuleen mirga namoomaa Keeniyaa namoonni lammiilee Keeniyaa fudhan yokaan itti eeruman akka lammummaa biyyattii argataniif dhiibbaa gochaa jiran.
Heerri Keeniyaa lammiwwan alaa lammiilee Keeniyaa waliin gaa’el dhaabbatan waggaa toorbaa booda lammummaa Keeniyaaf akka galmeeffaman eyyama.
Sana gochuufiyyuu dura eyyama jireenyaa biyyattii akka qabaachuu qaban lafa kaa’ee jira, heerichi Keeniyaa. Kun immoo baqattootatti danqaa tahee jira.