Ka Jeeqama Siyaasiitiin Raafamaa Jirtu Gaanfa Afrikaa Keessatti Deemsi Dippiloomaasii Biyyota Guddatanii fi Hoogganoota Naannoo Maal Nutti Agarsiisa?
Kan yeroo adda addaa jeeqama siyaasaatiin raafamtu Gaanfa Afrikaa keessatti biyyootiin guddatan kallattiidhaadhaanis tahe harka lafa jalaatiinis gama dippiloomaasiin ennaa wal dorgoman mul’ata. Dhiheenya kana haala hin baratamneen Pireziidaantiin Iraan Keeniyaa deemanii ture. Pireziidaantii Eriitiriyaa immoo wal duraa duubaan Chaayinaa fi Raashiyaa daawwatan
Haalli amma Sudaan keessa jirus Siyaasa biyyoota ollaa irratti dhiibbaa akkamii qabaata? Kan jedhus gaaffii yeroo ammaa ti. Dhimmoota kana irratti Mitikkuu Feqaaduu Yunivarsitii Ambootti barsiisaa Saayinsii Siyaasaa kan turanii fi yeroo ammaa immoo, dhuunfaatti gorsaa dhimma nageenyaa fi investmentii kan tahan ogeessa tokko waliin marii taasisee jira.