Taphi Waancaa Kubbaa Miilaa Adduunyaa Kan Dubartootaa Niwuzilaanditti Jalqabamee Jira  

  • VOA

Your browser doesn’t support HTML5

Kamisa jechuun Adoolessi 20n, guyyaa Taphi Waancaa Kubbaa Miilaa Adduunyaa Kan Dubartootaa baranaa Niwuzilaandii fi Awustiraaliyaa keessaati itti jalqabamedha. Taphaawwaan 64 taasisamanuuf tikeetiin miliyoonii tokkoo ol gurguramuun isaa gabaasameera. Federeshiiniin kubbaa miilaa adduunyaa yokaan FIFAn akka jedhutti taphii shamaranii baranaa isa kanaan duraa caalaa daawwatamuu mala.