Mongomarii Kaawuntiin Torban Oromoo Labse

Your browser doesn’t support HTML5

Labsiin Torban Oromoo as Yunaaytis Istees Kutaa Meerilaandi, Mongomarii Kaawuntii keessatti harra Adoolessa 21, 2023, Waajjira Hojii Raawwachiistuu kaawuntichaatti geggeeffameera. Ragaan labsii kana mirkaneessus bakka bu'oota kaawuntichaatiin Hawaasa Oromoo naannoo Waashingitan Diisiif dhihaatera.