Moqadishoo Keessatti Dho’insa Of-Wareegaan Tokko Of Irraatti Raaw’ateen Namoota Hedduutu Du’e   

  • VOA

Jiraattota hoteela haleellan irratti geggeeffame fundura dhaabbatan, Waxabajjii 10, 2023.

Of wareegaan Wiixata har’a ganama Akkaadaamii Waraanaa Jaalle Siyaad kan Moqaadishoo keessatti uffata dhuka’an guutamee uffatee dhoohiinsa dhaqqabsiseen lubbuun namoota hedduun darbuu isaa maddeen himanii jiru.

Hojjettoota waraanaa ciree nyaachuuf hiriiranii osoo jiranii irratti xiyyeeffate balaa kana geesisee.

Qondaalli waraanaa tokko ifatti miidiyaatti dubbachuuf hayyama waan hin qabneef jecha, eenyummaan isaa akka hin ibsamne gaafatan, haleellaa kanaan yoo xiqqaate loltoonni 20 akka ajjeefaman, kurnootaan kan lakkaa’aman ammoo madaa’uu RSAtti himaniiru. Namoota madaa’an keessaa muraasni miidhaan lubbuuf sodaachisuutu irra gaheera jedhan.

Gareen hidhattoota Al-Shabab haleellaa kanaaf battalumatti itti gaafatamummaa fudhate. Gareen kun ibsa karaa Telegram kenneen, namoota of wareegan loltoota kana irratti xiyyeeffatee akka ture himate.Al-Shabab dhohinsi kun loltoota 73 ajjeesee 124 ammoo madaa’uu kan himee ta’uus madden walabaa biraa mirkanii hin arganne.

Namnii balaa kana geesisee uffata waraanaa uffatee akka ture qondaalli kun himeera.

Voa/jg/dw