Namoonni Kuma Hedduun Sababaa Wal-Waraansa Sudaan Keessaa Baqatan Daangaa Masrii Irratti Akka Rakkataa Jiran Himame  

  • VOA

Baqattoota Sudaan hospitaala Adree keessatti, Waxabajii 16, 2016.

Walwaraansii Sudaan keessatti taasifamaa jiru erga jalqabee as namoonni miiliyoonii Sadii ta’an qe’ee isaanii irra akka buqa’anii fi isaan keessa miiliyoonii lamaaf walakka kan ta’an biyya keessatti akka buqa’anii jiran ibsamee jira.

Akka gabaasni Margaareet Baashiir VOA dhaaf qindeesitee ibsetti, Walwaraansa erga jalqabamee guyyaa 100 ta’e Kanaan kan ka’e lammiiwwan Sudaan biyyaa isaanii keessatti buqa’an miiliyoonii Lamaa fi walakkaa irraa kan hafan gara biyyoottan ollatti kan baqataniidha. Biyyottan olla Sudaan keessaa biyyi Masr amma ammaatti namoottan kuma 200 fi kuma 50 kan simatee yoo ta’u, baqattoonni kuma 100 fi kuma 20 ta’an immoo daangaa biyyoottan lammanii irraa qubatanii eeyyama mootummaa Masr eeggachaa akka jiran beekameera.

namoottan daangaa irratti ittisaman Viizaa Sobaatiin akka biyyaa isaanii hin seenne addan baafachuudhaa akka ta’e haanga’onii Mootummaa Masr yemuu ibsaa jiran kanatti dhaabbanii Refuujii Internaationaal, Masir walgalitee namoottan daangaa qaxxaamuranii isaa bara 2004 Sudaanii wajjin galtee dhiiftee akka baqattootaa waraanaa kana simattu gaafatee jira.

dhimma kana irratti gaaffii sagaleen Amerikaa Embaasii Masr Waashingtonti argamuuf dhiheeseef deebiin kenname hin jiru.

Baqattoonni kun siviilotaa nagaadhaafi sababa walwaraansichaa wajjin qunnamtii kamiinuu akka hin qabnee kan ibsan Komishiinerii olaanaan dhaabbata mootumoota gamtoomanii kan dhimma baqattootaa ykn UNHCR Filiippoo Graandii akka walwaraansichii dhaabachuu qabuu fi civiilonni hara galfannaa argatan waamicha taasisanii jiru.

Dhaabbata mootummoota gamtoomanitti jaarmiyaan dhimma Ijoollewanii irratti hojjatu UNICEF guyyoottan walwaraansaa 100 darban keessaatti ijoollewwan 435 du’anii kumni lamaa fi 25 immoo madaa’uu isaanii Wixata kaleessaa ibsee jira. ijoollewwan du’an keessa 300 kan ta’an nyaata dhabuudhaan akka ta’e gabasinii UNICEF kun ibseera.

Walwaraansa Kanaan walqabatee hospitaalonni Sudaan keessa jiran dhibeentaa 67 cufamuu isaanii kan ibse dhabanii Fayyaa Aduunyaa WHOn haleellaa 51 dhaabbilee eegumsaa fayyaa irratti raawwatamaniin hojjatonni gargaarsaa fayyaa 10 du’anii 24 immoo madaa’u isaanii beeksisee jira.

Embaasiin yunaayitid Isteets Ebla 22 jalqabee tajaajila Sudaan keessatti kennu kan dhaabe yemmuu ta’u, minsteerri dhimma alaa Yunaayitid Isteets Antonii Biliinken Waxabajii 20 ibsa kennaniin, Yunaayitid Isteets gargaarsaa namoomaa Sudaan keessatti taasifamuuf deggersaa dabalataa Doolaara Miiliyoonii 100 fi Miiliyoonii 72 aroma ishee ibsuun isaanii ni yaadatama.