Xiinxala: Uggurri Miidiyaalee Yeroo Adda Addaa Itiyoophiyaa Keessatti Taasisamee fi Hanqinni Qulqullina Midiyaalee Dhiibbaa Akkamii Fide?

Your browser doesn’t support HTML5

Itiyoophiyaa keessatti yeroo baay’ee yeroo mormiin ykn jeequmsoonni garaa garaa uumaman Mootummaan miidiyaalee Idilee fi haawwaasaarra uggura kaa’a. Tibba kanas Uggurri Miidiyaa Hawwaasaarra ji’oota shaniif kaa’amee ture torban darbe irraa kaafameera. Hooggantuun Itiyooteleekoom Fireehiwoot Taammiruus dhiifama gaafachuun isaanii ni yaadatama. Uggurri Miidiyaaleerra yeroo garaa garaatti kaa’amu kun miidhiyaalee irratti dhiibbaa dhiibbaa maalii qabaata? Mirga uummatni odeeffannoo argachuu irratti hoo? Ka jedhu fi gama biraatin immoo miidiyaaleetiin Itiyoophiyaa keessa jiran hagam hojii isaanii itti gaafatamummaa fi qulqullinaan hojjetu? Ka jedhu irratti akka yaada isaanii nuuf kennan Mitikkuu Feqaaduu, ogeeyyii lama Yunivarsitii Finfinnee irraa dubbisee jira.

Dhaba Wayessa