Hoogganoonni Afrikaa Walga'ii Dinagdeef Raashiyaa Deeman Yaada Waa'ee Nagaa Buusuu Irratti Qaban Prezidaant Puutiinif Ibsan    

  • VOA

Yaa'ii Hoogganoota Afriikaa fi Raashyaa Saint Pitersbergitti

Hoggantootaa biyyoottan Afrikaa kan keessumeesaa jiran Prezidaantin Raashaa Viladimiir Putiin, Raashaanii fi biyyoottan Afrikaa waliin ta’uudhaan sirna adduunyaa hunda hirmaachisaa ta’e umuu irraatti akka wajjin hojachuu qaban kamisa kaleessaa ibsanii jiru.

Walgahii magaala Seent piitersiberg keessatti taasifamaa jiruun cinatti sirnaa Irbaataa keesumootaaf qophaa’e irraatti kan dubbatan Vilaadimiir Putiinj, walwaraansaa Yuukreen wajjin jiruun walqabatee, hanqina midhaan nyaataa dabalatee rakkina adduunyaa irraatti uumame, fooyesuudhaaf gumaachaa isaanii akka itti fufan ibsanii jiru.

Putiin Sirnii Aduunyaa yeroo kanaa fedhii biyyoottan lixaa irraatti kan hundaa’ee ta’uu isaa ibsanii, Raashaanii fi biyyoottan Afrikaa Sirnaa kan jijjiruu akka qaban hubachiisuun isaanii gabasamera.

Walgahii kana irrati kan hirmaatan hoggantoonni biyyootan Afrikaa walwaraansa adeemaa jiru dhaabissuudhaaf yaada nageenyaa biyootan Afrikaa irraa dhihaatee akka fudhachuu qaban Prezidaantii Raashaa hubachisanii jiru.

Walgahii kana irratti haasaa kan taasisan Prezidaantin Reppaabiliik Koongoo Deeniis Saassoo Niwugeessoo , sochiin nageenyaa buusuu Afrikaan taasisaa jirtuf akka xiyyeefanoon addaa kennamuufii qabiif akka tuffatamuu hin qabne himanii “ ammas irraa deebiinee, Awuroopaa keessaatti nageenyii akka deebi’ee mirkanaa’u gaafanna “ jedhaniiru.

Prezidaantin Masr Abdula Fataah Al Siisii gama isaaniitiin, midhaan nyaataa karaa garba guraachaa Yukreenii fi Raashaa irraa gara biyyootan Afrikaatti ergamuu irraatti waligaltee haaraa irraa akka gahamuun qabu gaafataniiru.

Waa’ee midhaanii irrati deebii kan kennan Vilaadimiir Putiin, rakkinichaa kan uuman biyyootan lixaa wareen walwaraansicha keessa harka galfatan ta’uu isaa himanii, yaadaa nagaa buusuu biyyoottan Afrikaa dhiheesaa jiran akka kabajanuufi akka ilala jiran dubbataniiru.

Raashaan biyyoottan Afrikaa jahaaf ji’oottan hedduu dhufaanuuf midhaan nyaata tola akka ergitu kamisa kaleessaa ibsitee jirti.

Hoggantoonni biyyoottan Afrikaa Raashaa fi Yuukreen gidduutti nageenya buusuu irratii pirezidaantii yuukraan wajjin dhiiheenyaa kan kan maryatan ta’uun isaanii fi Prezidaanti Volodomiir Zeleniskii amma Raashaan lafa biyya isaanii umnaan qabatee gadi dhiiftee hin baanetti mariin araaraa akka hin jirre ibsuun isaanii ni yaadatama.