Qophiin Labata har'aa dargaggooo ogeessa kalaqaa fi barsiisaa Yuunivarsiitii Arsii Gurmeessaa Goobanaatti fuuleffata. Gurmeessaan rakkoo ummata naannawa isaa jiruu keessumaa kan qonnaan bultootaaf furmaata taha waan jedhe irratti xiyyeefachuun, qorannaa geggeessuu isaa fi maashinii hojii qonnaa keessatti gargaarsa guddaa kennu uumuu isaa dubbata. Mashiniin inni kalaqe hojiiwwan qonnaa torba jechuun facaasuu, qotuu, qoricha biifuu fi tajaajilalawwan biroo bakka tokkotti akka kennu Sagalee Ameerikaatti hime. Tsahaay Daamxoo tu haasofsiisee, qophii har’aaf qindeesse.