Waldaan Qoranoo Oromoo “OSA’n kora isaa waggaa 37ffaa, as naannoo Waashington DC, kutaa Mariilaand keessatti kan argamu – Yunivarsitii Mariilaand keessatti Adoolessa 29 fi 30 gaggeessee jira. Kora kana irratti waraqaaleen qorannoo hayyoota bakka garaa garaarraa dhufaniin dhiyyaatanii mariinis irratti geggeessamee jira.
Waldaa Qorannoo Oromoo kan bara kana pireezidaantummaan hoogganaa turan Doktor Assabee Raggaasa irraa Doktor Kabbadee Fidaa baalli fuudhuun Pireziidantii haaraa, kora bara dhufuu qindeessan ta’anii jiran.