Gammoojjii Daandaa Liibiyaa Fi Tuuniiziyaa Irraa  Keessatti Godaantonni Hedduun Akka Du'aa fi Jireenya Gidduu Jiran Himame

  • VOA

FAAYILIi - Humnoonni Turkii gara godaantotaa yeroo deeman, Amajjii 29, 2020.

Aangawoonni nageenyaa kan Liibiyaa Bahaa, sakatta’iinsa halkan tokkoof gaggeessaniin, yoo xiqqaate godaantota biyya Paakistaan 385 mana kuusaa daldala namaa kan seeraan alaan keessatti hidhaman bilisa baasuu isaanii Gareen mirga godaantootaaf falmu tokko beeksisee jira.

Lammiileen Paakistaan kun Wiixata kaleessaa ganama manneen kuusaa hojiin seeraan alaa keessatti hojjatamu kan naannoo magaalaa Tobruk gama bahaa irraa gadhiifaman jedheera.

Dubbi himaan garee mirga falman kanaa akka jedhanitti, godaantonni kunneen bidiruudhaan gara Awurooppaatti imaluuf karoorfatanii kan turan yoo ta’u, jarreen seeraan ala nama deeddeebisantu, isaan gadhiisuuf kaffaltii maallaqaa gaafachuun hidhee isaan kaa’ee.

Liibiyaan godaantota Afrikaa fi Giddu Galeessaa bahaa irraa gara Awurooppaa ga’uuf yaalaniif bakka ce’umsaa olaanaa taatee jirti.