Prezidaantiin Yunaayitid Isteetis Duraanii Doonaald Traamp Himannaa Haaraa Irratti Dhihaateef Kamisa Borii Mana Murtiitti Dhihaatu 

  • VOA

FAAYILII - Prezidaantii Yunaayitid Isteets duraanii Doonaald Traamp ,Laas Veegas, Adoolessa 2023.

Prezidaantiin Yunaayitid Isteets duraanii Doonaald Traamp himannaa haaraa kaleessa irratti dhihaateen Kamisa borii mana murtii feederaalaa irratti dhihaatu.

Himannaan haaraan prezidaantii duraanii irratti qibxata kaleessaa dhihaatee qabxiiwwan Afur kan of keessaa qabu yemmuu ta’u, akka waligalaatti garuu bu’ii flannoo barra 2020 humnaan jijjirsisuudhaaf jecha yaalii taasisuufi deggertoota isaanii hokkoraaf kakasuu isaaniitiif akka ta’e ibsameeraa. Abban alangaa addaa Jaak Simiith himanna kana ilaalchisee ibsaa kennaniin haleellaan Amajji 6 bara 2021 teessoo mootummaa ykn Kaapitaal Hiil irratti raawwatame, haala kanaan duraa muldhatee hin beekneen haleellaa teessoo dimokraasii Amerikaa irratti raawatamedha jechuudhaan ibsaniiru.

Doonaald Traamp flannoo baraa 2024 taasifamuuf deemu irratti dorgomuudhaaf, duula “ nafiladhaa” irra kan jiran yemuu ta’u, jaarmiyaan duulaa filannoo isaanii qindeessu himmanna haraa isaan irratti dhihaate kana ilaalchisuudhaan ibsaa baaseen, Traamp yeroo hundumaa Seeraa fi Heeraa akka hordofan eere, gorsa ogeessotaa seeraa beekamoo ta’aniin akka degeraman ibseera.

Traamp dhimmaa filannoo fi hokkoraa bara 2021 umameen walqabatee himmannaa yeroo jalqabaatiif irratti dhihaate kanaaf deebii kennuudhaaf Kamisa borii mana murtiitti dhihaatu. Traamp himanna irratti dhihaateen yemuu mana murtiitti dhihaatan inni borii ji’a lama keessatti yeroo lammafaadhaaf akka ta’e beekameera. Kanaan duraa sababa galemee mootummaa Icitiidhaan qabamuu qabuufi nama dhuunfaa harkaa taa’uu hin qabnee karaa seeraan alaatiin mana isaanii keessaa kaawwatanii argamuu isaaniitiin himannan irratti dhihaatee mana murtiitti ilaalaama akka jiru niyaadatama. Dhimmi isaanii kun ji’a Caamsaa bara egeriitti beellamamee akka jiru ni beekama.