Sochii Tuurizimii Oromiyaa Foyyessuuf Mariin Araaraa Mootummaa fi WBO Giddduutti Eegalame Cimee Itti Fufuu Qaba: Lalisee Dhugaa

Your browser doesn’t support HTML5

Komishiniin turizimii Oromiyaa ibsa har'a gaazexessitootaaf kenne irratti dameen tuurizimii akka madda galii ta'uuf nageenyi waarawaa argamuun barbaachisaa akka tahe kan dubbatan Koomishinarri Koomishinii Tuurizimii Oromiyaa, Lalisee Dhugaa, “mootummaan marii araaraa Waraana Bilisummaa Oromoo waliin jalqabe cimsee itti fufuu qaba,” jedhan.

Gaarreen Baalee akka hambaa Addunyaatti akka galmeessamu kan irratti hojjetaa jiru tahuus, Koomishinichi ibsee jira.