Dargaggoonni Biyyyoota Afrikaa Addaa Addaa 700 ol Tahan Waashinganitti Mariin Hoogganoota Ameerikaa waliin geggeessan itti fufee jira.
Marii kaleessa geggeessame irratti hooggantuu ol’aantuun Dhaabbata Misooma Idiladdunyaa kan Yunaayitid Isteetis Samantaa Paaworii fi Dhimmoota Afrikaatti Gargaartuun Ministirii Dhimma Alaa Yunaayitid Isteetis Moolii Fii dargagaggoota hooggansa egeree Afrikaa kana waliin marii taasisanii jiran. Tujubeen bakka sanatti argamuun gabaasaa qindeessite qabdi.