Sarbinsa Mirga Namoomaa Godinaa Jimmaa Keessatti Raaw’atamee fi Vidiyoo Waraabame Qorataa Jirra: Koomishinni Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa

Your browser doesn’t support HTML5

Viidiyoo Jimma Aanaa Geeraatti waraabame hordofee namoonni to’annaa jala oolfamuu Koomishiniin mirgoota namoomaa Itiyoophiyaa beeksisee jira.

Obbo Badhaasaa Lammeessaa Hoogganaan Waajjira Koomishinii Mirgoota Namoomaa Itiyoophiyaa kan Damee Jimmaa, gochaan suur sagalee Jimma Geeraatti waraabame irratti mul’ate kun seera fi heera akkasumas safuu hawaasaa kan cabse waan ta’eef koomishinichi angawoota Godina Jimmaa waliin hordoffii taasisee namootni lama kan sarbiinsa namoomaa geessisuutti shakkaman to’annaa jala oolfamanii jiran, jechuun Sagalee Ameerikaatti himan.

Obbo Hawwii Se’id Bulchaan Aanaa Geeraa gochaan Viidiyoo kana gubbaatti mullate kun kan Aanicha bakka hin buune, bulchiinsi aanichaas ummata dhiifama gaafachuu dubbatanii jiru.