Prezidaantiin Yunaayitid Isteetis Duraanii Dhimma Filannoo Dabreen Wal-Qabatee Himatamanii Har'a Mana-Murtii Federaalaatti Dhihaatu 

  • VOA

Namoota mana murtii Pirezidaant Traamp itti dhihaatan seenuuf hiriiran, Hagayya 3, 2023.

Pireezidaantiin Yuunaayitid Isteesi duraanii Doonaald Tiraampi Kamisa har’aa himannaa ciccimmaa Afuriin himatamanii Mana murtiitti dhiyaatu.

Pireezidaantiin Ameerikaa duraanii Donaald Tiraamp Filannoo bara 2020 irratti Moo’aman sana garagalchuudhaaf yaalii taasisaniin himannaan irratti dhiyaatee Kamisa har’aa Waashingitanitti Mana murtiitti dhiyaatu. Kamisa kana yeroo isaan mana murtiitti dhiyyaataniif jedhamee naannoon mana murtii sanaa humnoota nageenyaan eegamaa jira. Tiraamp har’a yommuu mana murtiitti dhiyaatan Ashaaraa uba harkaa kennuu dabalatee yakka akka hin hojjenne himachuuf ni seenu jedhamee eegama.

Manni Murtii ol anaan torban kana keessa Doonaald Tiraampiin Yakkoota Afuuriin himannaa irratti baneera. Isaan keessaas Ameerikaa Gowwoomsuu, Bu’aa filannoo sirrii hin taaneen himannaa dhiyyeessuu isaanii , Adeemsa filannoo gufachiisuu fi Itti aanaan isaanii Maayik PEENSI Doonald Tiraamp akka moo’ataniirratti akka dubbatan taasiisuufaa warra jedhanidha.

Gaafa Amajjii 6, bara 2021 deeggartoonni Tiraamp yeroo miseensonni Kongireesii bu’aa Filannoo mirkaneessuuf deemanitti humnaan Kaappilootti nam’uun weerara gaggeessuu, fi kana waliin wal qabatee Doonaald Tiraamp badii dalaguu isaanii haalanii ture.

Filannoo Pireeziidantummaa bara 2024tti taasifamuuf jirurratti paartii warra Ruppaabulikaanootaa bakka bu’uun Piriziidaantummaaf kan kaadhimaman keessaa Doonaald Tiraampi isaan tokko.